Ijoolleen maaliif caalaan sosocho'uu qabu
Ijoolleen umuriin isaanii 5-12 fi dargaggoonni umuriin isaanii 13-17 ta’an guyyaa guyyaan daqiiqaa 60 dhaaf sochii qaamaa akka godhan ni gorfama. Kana salpha gochuuf, gara daqiiqaa 15'tti, guyyaatti si’a 4'f akka qoqqooddamu ni gorsina.
Sochiin qaamaa waan qaama keessan sochoosu, saffisaan akka hafuura baafattan kan si taasisuu fi dha’annaa onnee keessan wanta dabalu kamiyyuudha. Sochiin qaamaa ijoolleen gammachuu fi fayyaa akka qabaatan taasisa, akkasumas amala fayya qabeessa umurii isaanii guutuu akka qabaatan gargaara.
Guyyaa guyyaan sosocho'uun faayidaa hedduu qaba, isaan keessaa:
- fayyaa fooyya'aa waliigalaa
- anniisaa dabalataa
- balaa fayyaa dhabuu, dhukkubootaa fi ulfaatina qaamaa fayya qabeessa hin taane xiqqaate
- dhiibbaa dhiigaa, kolestroolii fi sukkaara dhiigaa gaarii qabaachuu
- hiriyootaafi maatii waliin bashannanuu
- amala faallaa hawaasummaa xiqqaate
- dandeettii gamtoomina fi gareen hojjechuu caalman qabachuu
- ofitti amanamummaa fooyya’aa qabaachuu
- yaaddoo fi dhiphina gadii'ana
- xiyyeeffannoo fooyya’aa ta’e qabaachuu
- guddinaa fi misooma fayya qabeessa ta’e
- maashaalee fi lafee ciccimoo
- jabiina qama, qindoominaa fi sochii fooyya’aa ta’e
Daqiiqaa 15, guyyaa guyyaan yeroo 4 dhaaf
Guyyaatti al afur daqiiqaa 15'f sochii qaamaa gochuu ni gorsina.
Sochileen kun wantoota kanneen akka arman gadii ni dabalata:
- miilaan ykn biskileetin gara mana barumsaa ykn naannoo keessan keessatti deemuu
- saree qabanii deemuu
- hiriyoota waliin gara paarkii deemuu
- kubbaa miillaa
- iskeetiiboordii
- mooraa duubaa keessatti taphachuu
- teenisii
- bishaan daakuu
- shubbisuu
- fiiguu
- kubbaa saaphanaa
- ol ba’uu
- yooga
- ulfaatina kaasu
- kubbaa harkaa
Reviewed 07 December 2022