Carraalee Hojii Barnoota Barii Ijoollummaa Keessatti (Career Opportunities in Early Childhood Education) - Afaan Oromoo (Oromo)

Carraa hojii barsiisotaa fi barsiisota haaraa barnoota barii ijoollummaa keessatti

Mootummaan Victoria sagantaalee oolmaa daa’immanii guutuu bulchiinsaatti babal’isuuf doolaara biiliyoona 14 waadaa galeera. Waggoota kurnan dhufan keessatti Victorian barsiisotaa fi barsiistota barii daa’imummaa dabalataa kumaatamaan lakkaa’aman ni barbaachisa.

Barnoonni barii ijoollummaa jireenya daa’immanii fi maatii irratti jijjiirama fida. Barsiisonni barii ijoollummaa fi barsiistonni aadaa fi afaan adda addaa irraa dhufan daran jijjiirama fidu.

Hojjettoonni afaan lamaa fi aadaa lamaa tajaajila barii ijoolummaa keessatti sagantaalee daa’immanii maatii aadaa fi afaan adda addaa qabaniif caalaatti dhaqqabamaa akka ta’anii fi hawaasa aadaa hedduu mootummaa calaqqisiisuu gargaaru.

Barnoota barii ijoollummaa keessatti hojjechuun faayidaa hedduu argamsiisa. Carraalee ni kenna:

  • jijjiirama fiduu fi daa’immanii fi maatiiwwan isaaniif bu’aalee fooyyessuu
  • ijoolleen waggoota jalqabaa isaanii keessatti akka guddatanii fi baratan gargaaruu
  • damee badhaasisaa fi kalaqaawaa tahe keessa hojjechuu.

Deggersa Faayinaansii:

Namoota barsiisaa yookaan barsiisaa daa’immanii jalqabaa ta’uuf fedhii qabaniif filannoowwan qo’annoo fi deeggarsa maallaqaa adda addaatu jira.

Odeeffannoo dabalataa waa’ee barnootaa fi hojii bakka eegala barmoota ijoollummaaf gargaarsa maallaqaaf as ilaali, Become an early childhood teacher or educator

Qacarrii:

Hojiin barnoota barii ijoollummaa keessatti hoji-geggeessitoota tajaajila dhuunfaa fi dhiyeessitoota sagantaa oolmaa daa’immaniitiin kan hoogganamudha.

Carraa dalagaa fi waan bakkichatti hojjetamu kan namootaa dubbisuuf as ilaali, Early Childhood Jobs website

Updated