JavaScript is required
Two young people smiling at the camera. Only one half of each person displays so the image merges them into the shape of one person. One holds construction plans over their shoulder in a room with pipes on the wall, the other in a commercial kitchen

Dandeettiiwwan Hedduu VCE Tokko (Many Talents One VCE) - Afaan Oromoo (Oromo)

VCE’n jijjiiramaa jira

Filannoon haaraan ni jira. Dandeettiin kee maal iyyuu yoo ta'e amma VCE tokko jalatti hordofuu dandeessa.

Ogummaa Guddaan VCE haaraan sagantaa waggaa 2 VCE keessaa ti. Barattoonni beekumsa, ofitti amanamummaa fi dandeettii hojii fi jireenyaaf ta’u ni guddifatu.

Kana jechuun VCE barattoota adda addaa walqixa beekamtii ni kenna jechuu dha.

Ragaan Daandiiwwan Victoria haaraan (VPC) barnoota sadarkaa lammaffaa bu’uuraa jijjiiramaa ta’ee fi barattoota muraasa waggaa 11 fi 12 keessa jiraniif kan qophaa’e yoo ta’u, sababoota adda addaatiin VCE yookaan Ogummaa Guddaa VCE fudhachuu hin dandeenye yookaan qophii hin taane.

Amma filannoolee barnootaa baay’ee sirna barnootaa qulqullina olaanaa qabuu fi muuxannoo bakka hojii fooyya’aa argachuu dandeessa – qo’annoo dabalataa, leenjii TAFE yookaan hojiif si qopheessa.

Updated