Sadarkaa lammaffaa olaanaa keessatti maaltu jijjiiramaa jira (What’s changing in senior secondary) - Afaan Oromoo (Oromo)

Filannooleen ragaa olaanaa kee jijjiiramaa jiru. Siif hiikni isaa maal akka ta'e barbaadi.

Barnoonni sadarkaa lammaffaa olaanaa Victoria jijjiiramaa jira

Ragaa Barnootaa Victoria (VCE) argachuuf karaan haaraan jira.

VCEn amma Ogummaa Guddaa, sagantaa haaraa waggaa lamaa kan VCE keessa taa’u of keessatti qabata.

Ragaan Barmoota Cehumsaa Victoria haaraan kun warra barumsa isaanii keessatti jijjiirama barbaadaniifis ni argama.

Filannooleen haaraan kunniin Ragaa Barnoota Hojiirra Oolmaa Victoria (VCAL) sirna Barnootaa fooyya’een bakka bu’u, qo’annoo dabalataa, leenjii TAFE yookaan hojiif si qopheessu.

Muummee Ogummaa VCE

VCE Ogummaa Guddaa sagantaa barnoota hojiirra oolu waggaa 2 VCE keessatti. Beekumsa, ofitti amanamummaa fi dandeettii hojii fi jireenyaaf ni horatta. Hojii fi barnoota fi leenjii dabalataaf isin qopheessa.

Yeroo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa eebbifamtu, ragaa barnootaa Victoria, jechoota dabalataa 'Ogummaa Guddaa' jedhamu waliin ni eebbifamta.

Ogummaa Guddaa VCE filannoo guddaadha yoo naannoo addunyaa dhugaa keessatti barachuu fi dandeettii jireenyaa qabatamaa hojiitti hiikuu barbaadde, akkasumas yeroo barnoota xumurtu ATAR siin hin barbaachisu.

Ogummaa Guddaa VCE qormaata akka hojjettu si hin gaafatu, Qormaata Ga’umsa Waliigalaa (GAT) irraa kan hafe.

Waa'ee Muummee Ogummaa VCE bal'inaan dubbisaa.

Ragaa Barmoota Cehumsaa Victoria

Ragaan Barmoota Cehumsaa Victoria sagantaa jijjiiramaati. Barattoota waggaa 11 fi 12 keessa jiran muraasaaf kan qophaa’e yoo ta’u, sababoota adda addaatiin VCE yokaan Ogummaa Guddaa VCE fudhachuu hin dandeenye yookaan qophii hin taaneef.

Hojii fi barnoota fi leenjii dabalataaf si qopheessa, VCE dabalatee.

Manni barumsaa kee Ragaa Barmoota Cehumsaa Victoria siif ta’uu isaa murteessuuf si gargaaruu danda’a.

Waa’ee Ragaa Barmoota Cehumsaan Victoria bal’inaan dubbisaa.

VCAL maaliif bakka bu'e

Jijjiiramni kunneen bu’aa Irra deebiin gara daandii barumsa ogummaa fi hojiirra oolutti mana barumsaa sadarkaa lammaffaa olaanaa (gamaaggama Shanaffaa) ti. Gamaaggamni kun barumsa ogummaa manneen barnootaa fooyyessuu akka qabnu argateera.

Amma barnoota ogummaa qulqullina olaanaa qabu, barbaachisaa ta’ee fi carraa barumsa hojiirra oolu argachuuf carraa guddaa ni argattu. Dandeettiiwwan kee hedduu VCE haaraa jalatti karaa haaraa ta'een fayyadamuu ni dandeessa.

Barattoonni bara 2022 VCAL hojjechaa turan harki caalaan isaanii VCAL xumuraniiru yookaan gara filannoo haaraa keessaa tokkotti jijjiiramaniiru. Barattoonni muraasni bara 2023tti Intermediate VCAL ni hojjetu.

Karaa kee filachuu

Kutaaleen gorsa koorsii mana barumsaa keessanii waa’ee filannoowwan daandii isin beeksisa.

Waan isaan dhiyeessan ilaaluuf mana barumsaa keessan waliin haasa’aa. Fakkeenyaaf, karaa kee irratti ulaagaa barnoota ogummaa fi leenjii dabaluu dandeessa ta’a.

Waa’ee kanaa fi haaromsa barnoota ogummaa sadarkaa lammaffaa olaanoo biroo fi filannoowwan biroo bal’inaan dubbisaa.

Updated