
On this page:
- Bara 2023’tti Oolmaa Daa’immanii tola
- Waa’ee Oolmaa-Daa’immanii-Waggaa- Sadii (Oolmaa Daa’immanii)
- Bu’aalee mirkanaa’an:
- Warrii fi barsiisonni oolmaa daa’immanii akkamitti waliin hojjetan:
- Oomaa Daa’immaniitti maaltu ta’a:
- Oolmaan daa’immanii qaama hawaasa keenya aadaa hedduu qabuuti:
- Garaagarummaan sagantaa daa’immanii wiirtuu kunuunsa guyyaa dheeraa (kunuunsa daa’immanii) fi tajaajila mana barumsaa daa’immanii of danda’e (waqtaawaa) gidduu jiru maali?
- Early Start Kindergarten (Jalqabbii Oolmaa Daa’immani Barii)
- Daa’ima keessan galmeessaa:
- Kinder Tick barbaadi:
Bara 2023’tti Oolmaa Daa’immanii tola
Bara 2023 irraa eegalee, sagantaaleen oolmaa daa’immanii Waggaa-Sadii-fi-Afurii-tajaajilawwan hirmaatan irratti bilisaan ni argamu. Kunis kuninuunsa guyyaa guutuu fi tajaajilawwan dhaabbatoo oolmaa daa’immanii of keessatti qabata.
Oolmaa daa’immanii bilisa gochuun ijoolleen Victoria hundi osoo barnoota hin jalqabin dura sagantaa oolmaa daa’immanii qulqullina olaanaa qabu waggaa lamaaf akka argatan gargaara.
Barnoota osoo hin jalqabin dura ijoolleen gara:
- Sagantaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Sadii torbanitti sa’aatiilee 5 hanga 15 gidduutti kennamuu, itti aansuudhaan
- Sagantaa Oolmaa Daa’imman Waggaa-Afurii torbanitti sa’aatiilee 15 (waggaatti sa’aatiilee 600) kennamuu akka deeman ni gorfama.
Oolmaa Daa’immanii bilisaa jechuun daa’ima tokkoof hanga $2,500 qusachuu jechuudha, waggaa waggaan mana barumsaa daa’immanii wayitaawaa fi kunuunsa guyyaa guutuu keessatti $2,000 (innis kaffaltiilee Commonwealth Childcare Subsidy (CCS) hawwata).
Tajaajilawwan oolmaa daa’immanii Oolmaa daa’immanii bilisaa kennan kallattiin Mootummaa Victoria irraa maallaqa ni argatu. Kana jechuun maatiin qusannoo sana deebisanii gaafachuu hin qaban jechuudha. Maatiiwwan sagantaa kunuunsa guyyaa oolmaa daa’immanii fayyadaman qusannoolee Oolmaa daa’immani bilisaa irraa argamu marsaa kaffaltii hundi ‘Victorian Government Free Kinder offset’ invoice irratti ifatti barreeffamee arguu ni danda’u.
Waa’ee Oolmaa-Daa’immanii-Waggaa- Sadii (Oolmaa Daa’immanii)
Oolmaan daa’immanii, dabalataan ‘oolmaa daa’immanii’ yookaan ‘barnoota barii ijoollummaa’ jedhamee kan beekamu, qaama barbaachisaa guddinaa fi barnoota daa’ima keessaniiti. Daa’imni keessan sagantaa Oolmaa daa’immanii waggoota lamaaf galmeessuun dandeettiiwwan isaanii guddisuuf gargaaruu danda’a; kunis jireenyaa fi mana barumsaa keessatti akka gaariitti akka hojjetan taasisa. Victoria keessatti, ijoollee sagantaa daa’imee keessatti yeroo umuriin isaanii waggaa sadii ta’u jalqabsiisuu dandeessa. Waggaa kamitti isaan Oolmaa daa’immanii Waggaa-Sadii-fi-Afur jalqabuu akka danda’an baruuf, guyyaa dhaloota daa’ima keessanii Shallagduu Umurii keessa galchuu dandeessu.
Bu’aalee mirkanaa’an:
Ijoolleen sagantaa daa’imee dhaqan dandeettiiwwan akka akkaataa itti lakkofsaa fi qubee itti lakkaa’anii fi adda baasan, akkasumas akkaataa rakkoo itti furan horachuu jalqabu. Mucaan keessan oolmaa daa’immaniitti ofitti amanamummaa fi of danda’uu isaanii ni ijaara, dandeettiilee hawaasummaa fi miiraa ni barata. Hiriyyoota haaraa ni argatu.
Qorannoon akka agarsiisutti, barattoonni waggaa 16tti osoo barumsa hin jalqabin dura sagantaa oolmaa daa’immanii waggaa lamaa yookaan sadii irratti hirmaatan Ingiliffaa fi herregaan kanneen hin hirmaatin caalaa qabxii olaanaa qabu.
Warrii fi barsiisonni oolmaa daa’immanii akkamitti waliin hojjetan:
Oolmaan daa’immanii akka walta’iinsa warraa, maatiilee fi barsiisota gidduutti ta’ee akka gaariitti hojjeta. Akka warraatti, isin guddina mucaa keessanii keessatti kutaa hunda caalaa barbaachisaa taatanii dha. Wanta sirri fi dogoggora ta'e, afaan kee, aadaa fi duudhaalee kee kan akka gaarummaa fi kabajaa waan sirrii isaan barsiifta. Barsiisonni waa’ee wanta oolmaa daa’immanii keessatti ta’aa jiruu fi karaalee daa’imni keessan mana keessatti barachuu akka itti fufu gargaaruu dandeessan isinitti dubbatu. Waa’ee fedhiilee mucaa keessanii fi akkaataa inni barachuu jaallatu beekuu barbaadu.
Barsiisaan oolmaa daa’immanii keessan yeroo barbaaddetti hiiktuu haasawaa akka qindeessu gaafachuu dandeessu. Kunis bakkichatti argamuun yookaan bilbilaan yookan suursagaleedhaan tahuu danda’a. Baasii tokkollee hin jiru.
Oomaa Daa’immaniitti maaltu ta’a:
Barsiisonni ijoolleen taphachuun akka baratan jajjabeessu. Gochoonni fakkii kaasuu, sirbuu, yaabbachuu, qotuu fi ala fiiguu, meeshaalee taphaatiin taphachuu fi kitaabota dubbisuu dabalatee ta’uu danda’u. Taphni ijoolleen yaada isaaniitti akka fayyadamanii fi argannoo akka godhan kan jajjabeessu yoo ta’u, namoota biroo waliin dabareewwan walii qooduu fi fudhachuun akka tumsan taasisa. Ijoolleen waa’ee sagaleewwanii, jechootaa fi afaanii, akkaataa Afaan Ingiliffaa itti dubbatanii fi hubatan dabalatee ni baratu.
Oolmaan daa’immanii qaama hawaasa keenya aadaa hedduu qabuuti:
Sagantaaleen oolmaa daa’immanii warra haalawwan hundarraa dhufan qaama hawaasa isaanii akka ta’an ni simatu. Iddoo warroonni itti wal arganii seenaawwan waliif qoodanii wal irraa barataniidha.
Barsiisonni waa’ee mucaa keessanii fi aadaa keessanii beekuu barbaadu. Kunis sochiiwwan guyyoota aadaa fi taateewwan irratti hundaa’anii fi heddummina Victoria keessatti mul’atu kabajuu dabalatee sagantaalee daa’ima keessaniif hiika qaban qopheessuuf isaan gargaara.
Barsiisonni gochaalee keessatti nama hunda hammachiisu, kanaaf daa’imman Afaan Ingiliffaa hin beekne akkuma warra kaanii carraa taphachuu fi barachuu qabu. Sagantaawwan oolmaa daa’immanii tokko tokko barsiisota afaan lamaa kan ijoollee Afaan Ingiliffaa xiqqoo dubbatan yookaan hin dubbanne gargaaran qabu. Ijoolleenis namoota biroo wajjin akka walii galanii fi akka fudhatan akkasumas garaagarummaa aadaa akka kabajan ni barsiifamu.
Garaagarummaan sagantaa daa’immanii wiirtuu kunuunsa guyyaa dheeraa (kunuunsa daa’immanii) fi tajaajila mana barumsaa daa’immanii of danda’e (waqtaawaa) gidduu jiru maali?
Ijoolleen sagantaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Sadii wiirtuu kunuunsa guyyaa dheeraa (kunuunsa daa’immanii) yookaan tajaajila mana barumsaa daa’immanii of danda’e (waqtaawaa) keessatti hirmaachuu ni danda’u. Tajaajiloonni kunneen yeroo baay’ee sagantaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Afurii ni kennu.
Giddugalli kunuunsa guyyaa dheeraa sagantaa oolmaa daa’immanii dabalatee barnoota fi kunuunsa guyyaa guutuu kennuu danda’a. Sagantaan oolmaa daa’immanii barsiisaan durfamu kun sa’aatii barnootaa fi kunuunsa dabalataa waliin walitti makamuu danda’a. Tajaajila of danda’e irratti, sagantaan oolmaa daa’immanii guyyoota murtaa’anii fi yeroowwan murtaa’an qofa irratti ni hojjeta. Guyyootaafi sa'aatiileen kun tajaajila oolmaa daa'immaniitiin kan kaa'amudha.
Early Start Kindergarten (Jalqabbii Oolmaa Daa’immani Barii)
Bara 2023tti, sagantaaleen Oolmaa Daa’imman Waggaa-Sadii torbanitti sa’aatii 5 hanga 15 gidduutti kan hojjetan yoo ta’u, sagantaaleen Oolmaa Daa’imman Waggaa-Afur ammoo sa’aatii 15f kan ooludha. Yoo seenduubee baqataa yookaan koolu galtootaa irraa taate, sagantaan Early Start Kindergarten (ESK) jedhamus ni jira. ESKn daa’imman akka warra Hundee Ganamaatti yookaan Qomoo Dursanii Odola Qabataniitti ta’uu isaanii adda baasan yookaan tajaajila eegumsa daa’immanii waliin qunnamtii qabaniifis ni argama.
ESKn torbanitti mucaa keessaniif sa’aatii sagantaa oolmaa daa’immanii bilisaa hanga guddaa ta’e akka argattan mirkaneessuuf gargaaruu danda’a. Ijoolleen ESK argachuuf ulaagaa guutan, sagantaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa- Sadii keessatti sa’aatiileen meeqayyuu yoo kennamaniif torbanitti sa’aatii 15 oolmaa daa’immanii bilisaan argachuuf mirga qabu.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee ESK tajaajila oolmaa daa’immanii naannoo keessaniitti haasa’aa, yookaan daawwadhaa.
Daa’ima keessan galmeessaa:
Tajaajilawwan sagantaalee daa’immanii mirkanaa’e dhiyeessan argachuuf, marsariitii sagantaa oolmaa daa’immanii barbaadi (Sagantaa Daa’immanii Barbaadi – Kutaa Barnootaa fi Leenjii, Victoria ) daawwadhu.
Waa’ee adeemsa galmee isaanii tajaajila oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru waliin haasa’aa. Yoo gargaarsa barbaaddan, akkasumas mana maree naannoo keessanii qunnamuu dandeessu yookaan Sarara Gaaffii Mana Barumsaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa- Sadii 1800 338 663 irratti bilbilaa yookaan iimeelii 3YO.kindergarten@education.vic.gov.au. irratti ergaa. Deeggarsa afaanii argachuuf yookaan hiiktuu afaanii argachuuf, dursa 131 450 irratti bilbili.
Kinder Tick barbaadi:
Kinder maatii Victoria sagantaa daa’immanii mirkanaa’e ijoollee isaaniif akka argatan gargaara.
Asxaa Kinder Tick tajaajila oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru, gamoo yookaan mooraa tajaajilaa yookaan giddugalichaa yookaan lafarra, marsariitii isaanii irra yookaan meeshaalee odeeffannoo isaanii keessa barbaadaa.
Reviewed 21 December 2022