Kinder akkamiin akka dalagu (How kinder works) - Afaan Oromoo (Oromo)

Kinder akkasumas 'kindergarten' ykn 'barmoota jalqabbii ijoollummaa' ('early childhood education’), jedhamu qaama barmootaa fi guddina mucaa keetii ti. Daa’imni keessan sagantaa Oolmaa daa’immanii waggoota lamaaf galmeessuun dandeettiiwwan isaanii guddisuuf gargaaruu danda’a; kunis jireenyaa fi mana barumsaa keessatti akka gaariitti akka hojjetan taasisa.

Sa'aa bakka Oolmaa Daa'immanii:

Sagantaan Kinder Waggaa-Sadii torbanitti sa'aa 5 hanga 15 fi sagantaan Kinder kan Waggaa-Afurii sa'aa 15.

Bu’aalee mirkanaa’an:

Ijoolleen sagantaa daa’imee dhaqan dandeettiiwwan akka akkaataa itti lakkofsaa fi qubee itti lakkaa’anii fi adda baasan, akkasumas akkaataa rakkoo itti furan horachuu jalqabu. Mucaan keessan oolmaa daa’immaniitti ofitti amanamummaa fi of danda’uu isaanii ni ijaara, dandeettiilee hawaasummaa fi miiraa ni barata. Ijoollee waliin wal baru, hiriyoota haaraa horatu.

Akka qorannoon ijoollota waggaa 16 irratti taasisame ibsutti bartootni sagantaa kinder kan waggaa lama ykn 3 hordofan yeroo mana barmootaa jalqabanitti afaan English fi herregatti qabxii guddaa qabaatan.

Warrii fi barsiisonni oolmaa daa’immanii akkamitti waliin hojjetan:

Kinder warra/kunuunsota, maatii fi barsiisonti walitti dhiheenyaan akka hojjetan gargaara. Akka warraa/kunuunseetti, guddina mucaa kee keessatti guddaa barbaachista. Wanta sirri fi dogoggora ta'e, afaan kee, aadaa fi duudhaalee kee kan akka gaarummaa fi kabajaa waan sirrii isaan barsiifta. Barsiisonni waa’ee wanta oolmaa daa’immanii keessatti ta’aa jiruu fi karaalee daa’imni keessan mana keessatti barachuu akka itti fufu gargaaruu dandeessan isinitti dubbatu. Waa’ee fedhiilee mucaa keessanii fi akkaataa inni barachuu jaallatu beekuu barbaadu.

Barsiisaan oolmaa daa’immanii keessan yeroo barbaaddetti hiiktuu haasawaa akka qindeessu gaafachuu dandeessu. Kunis bakkichatti argamuun yookaan bilbilaan yookan suursagaleedhaan tahuu danda’a. Tajaajila kana argatuuf maatiin maallaqa hin baasan.

Oomaa Daa’immaniitti maaltu ta’a:

Barsiisonni ijoolleen taphachuun akka baratan jajjabeessu. Gochoonni fakkii kaasuu, sirbuu, yaabbachuu, qotuu fi ala fiiguu, meeshaalee taphaatiin taphachuu fi kitaabota dubbisuu dabalatee ta’uu danda’u. Taphni ijoolleen yaada isaaniitti akka fayyadamanii fi argannoo akka godhan kan jajjabeessu yoo ta’u, namoota biroo waliin dabareewwan walii qooduu fi fudhachuun akka tumsan taasisa. Ijoolleen waa’ee sagaleewwanii, jechootaa fi afaanii, akkaataa Afaan Ingiliffaa itti dubbatanii fi hubatan dabalatee ni baratu.

Oolmaan daa’immanii qaama hawaasa keenya aadaa hedduu qabuuti:

Sagantaaleen oolmaa daa’immanii warra haalawwan hundarraa dhufan qaama hawaasa isaanii akka ta’an ni simatu. Iddoo warroonni itti wal arganii seenaawwan waliif qoodanii wal irraa barataniidha.

Barsiisonni waa’ee mucaa keessanii fi aadaa keessanii beekuu barbaadu. Kunis sochiiwwan guyyoota aadaa fi taateewwan irratti hundaa’anii fi heddummina Victoria keessatti mul’atu kabajuu dabalatee sagantaalee daa’ima keessaniif hiika qaban qopheessuuf isaan gargaara.

Barsiisonni gochaalee keessatti nama hunda hammachiisu, kanaaf daa’imman Afaan Ingiliffaa hin beekne akkuma warra kaanii carraa taphachuu fi barachuu qabu. Sagantaawwan oolmaa daa’immanii tokko tokko barsiisota afaan lamaa kan ijoollee Afaan Ingiliffaa xiqqoo dubbatan yookaan hin dubbanne gargaaran qabu. Ijoolleenis namoota biroo wajjin akka walii galanii fi akka fudhatan akkasumas garaagarummaa aadaa akka kabajan ni barsiifamu.

Gosa sagantaa oolmaa daa'immanii

Ijoollotni sagantaa Kinder Waggaa-Sadii kan guyyaa guutuu (oolmaa daa'immanii jedhamee yaamamu) ykn tajaajila kinder kan dabree dabree (standalone) (kan yeroo takka takka jedhamu (sessional) hordofuu danda'au. Tajaajiloonni kunneen yeroo baay’ee sagantaa Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Afurii ni kennu.

Giddugalli kunuunsa guyyaa dheeraa sagantaa oolmaa daa’immanii dabalatee barnoota fi kunuunsa guyyaa guutuu kennuu danda’a. Sagantaan oolmaa daa’immanii barsiisaan durfamu kun sa’aatii barnootaa fi kunuunsa dabalataa waliin walitti makamuu danda’a.

Kan bakka tajaajila dabree dabree (standalone), sagantaan kinder guyyoota beekamoo fi yeroo beekamoo keessa qofa hojjatu. Tajaajilli dabree dabree waggaa keessatti torbanoota 40 yeroo manni barmootaa banaa jirutti kan kennamu fi yeroo manni barmootaa cufaa jiruttis cufaa taha. Guyyootaa fi saáan tajaajila kinderdhaan kennama.

Updated