On this page:
Mootummaan daa’imman hundi sagantaa oolmaa daa’immanii waggoota lamaa irratti akka hirmaatan maallaqa ni kenna. Tajaajiloonni baay’een isaanii maallaqa mootummaan kennu irratti dabalataan kaffaltii kaffalchiisu. Maatiin keessan baasii kanaan gargaarsa argachuu danda’u. Yoo seenduubeen keessan baqattootaa yookaan koolu galtootaa irraa tahe, sagantaan Oolmaa Daa’immanii jalqabbii Ariifataa (ESK) jedhamu ni jira. ESKn torbanitti mucaa keessaniif sa’aatii sagantaa oolmaa daa’immanii bilisaa hanga guddaa ta’e akka argattan mirkaneessuuf gargaaruu danda’a.
Bara 2023tti, sagantaaleen Oolmaa Daa’imman Waggaa-Sadii torbanitti sa’aatii 5 hanga 15 gidduutti kan hojjetan yoo ta’u, sagantaaleen Oolmaa Daa’imman Waggaa-Afur ammoo sa’aatii 15f kan ooludha. Karaa ESK galmaa’uun sagantaalee Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Sadii fi WaggaaAfur lamman keessatti torbanitti sa’aatii 15 guutuu wabii kenna. Innis ijoolleewwan akka armaan gadiif kan jiraatu dha:
- seenduubee baqataa yookaan koolugalaa irraa kan ta’an
- akka Ganamaatti yookaan warra odola kana dursee qabate
- kan maatiin egumsa daa’imaa waliin quunnamtii qaban
Victoria keessa bakka kamiyyuu yoo jiraatan ijoolleen kunneen yeroo jalqabsiisuu keessatti torbanitti sa’aatii 15 bilisaan yookaan gatii xiqqaadhaan daa’imman oolmaa daa’immanii argachuu danda’u. Argannaan isaanii yeroo ammaa fi sa’aatiin isaan itti fudhatan hin jijjiiramu.
Akkamiin akka iyyatamu:
ESKn sagantaalee oolmaa daa’immanii barsiisaa gahumsa qabuun kennaman hunda keessatti ni argama. Oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru qunnamuu fi gargaarsa Oolmaa Daa’immanii jalqabbii Ariifataa akka argatan gaafachuudhaan daa’ima keessan galmeessuu dandeessu. Oolmaaleen daa’immanii tajaajila hiikkaa bilisaa afaan keessaniin isin deeggaru argachuu danda’u.
Akkasumas gargaarsa argachuuf nu yookaan mana maree naannoo keessanii qunnamuu dandeessu. Gargaarsa afaan keessaniin argachuuf Tajaajila Hiikkaa Barreeffamaa fi Hiikkaa Haasawaa Biyyaalessaa 131 450 irratti bilbiluu dandeessu, hiiktuun lakkoofsa mana maree naannoo keessanii yookaan nutti akka bilbilu gaafachuu dandeessu, hiiktuunis bilbila irratti hafee ni hiika.
Yoom iyyatamu:
Ijoolleen bara oolmaa daa’immanii barachuuf galmaa’anitti Ebla 30 dura yoo waggaa sadii guutan ESK argachuuf ulaagaa guutuu qabu.
Yoo guyyaan dhaloota daa’ima keessanii Amajjii 1 fi Ebla 30 gidduutti tahe, bara kamitti ESK akka argatan adda baasuuf bara isaan mana barumsaa itti jalqaban herreguu qabdu. Mucaan keessan bara waggaa shan yookaan ja’a guututti mana barumsaa akka baratu filachuu dandeessu. Sana booda, waggaa sadii yookaan afur bara guutanitti ESK argachuu danda’u. Yoo daa’imni keessan yeroo ESK’f ulaagaa guutu herreguuf gargaarsa barbaadde, Kutaa Barnootaa, mana maree naannoo keetii, narsii fayyaa haadholii fi daa’immanii kee, yookaan daa’imman naannoo kee jiru, yokaan dhaabbilee armaan gadii naannoo kee jiran kamiyyuu qunnamuu dandeessa.
- Toora Iyyaafata Oolmaa Daa’immanii Waggaa-Sadii 1800 338 663
- Brotherhood of St Laurence 03 9483 1183
- Foundation House 03 9389 8900
- Fka Children’s Services 03 9428 4471
- Migrant Resource Centre Northwest Region (Wiirtuu Dhiheessii Godaanaa Naannoo Kaaba Dhihaa)
- St Albans: 1300 676 044 ykn 03 9367 6044
- Broadmeadows: 03 9351 1278
- Spectrum Migrant Resource Centre 1300 735 653
- VICSEG New Futures 03 9383 2533
- Migrant Resource Centre Northwest Region (Wiirtuu Dhiheessii Godaanaa Naannoo Kaaba Dhihaa)
- St Albans: 1300 676 044 ykn 03 9367 6044
- Broadmeadows: 03 9351 1278
- Spectrum Migrant Resource Centre 1300 735 653
- VICSEG New Futures 03 9383 2533
Reviewed 21 December 2022