Akkamii fi yoom akka galmeessitu (How and when to enrol) - Afaan Oromoo (Oromo)

Waaée akka itti galmeessamuu gumii (council) naannoo kee jiru ykn tajaajila oolmaa daaímmaniitto dubbadhu. Toora Iyyaafata Oolmaa Daa;immanii Waggaa-Sadii 1800 338 663 irratti bilbiluu dandeessa ykn email toora kanatti ergi 3YO.kindergarten@education.vic.gov.au Deeggarsa afaanii argachuuf yookaan hiiktuu afaanii argachuuf, dursa 131 450 irratti bilbili.

Early Start Kindergarten (Jalqabbii Oolmaa Daa’immani Barii)

Ijoollotni duubbeen isaanii dahataa (refugee) ykn koolu-gaafataa tahan gargaarsa dabalaa fi Eegala Oolmaa Daaímmanii (Early Start Kindergarten) dursa argatuu dandaú. Odeeffannoo dabalaa waaée Eegala Oolmaa Daaímmanii (Early Start Kindergarten) yeroo mucaa kee itti galmeessitu tajaajila naannoo kee jiru gaafatuu dandeessa ykn as ilaali Early Start Kindergarten

Yoom akka galmeessitu

Victoria keessatti yeroo ijoolleen waggaa 3 guutan sagantaa kinder jalqabsiisuu dandeessa. Kinder Waggaa-Sadii fi Waggaa-Afurii yoom akka jalqaban baruuf guyyaa dhaloota mucaa keetii bakka Starting Age Calculator jedhutti guuttee ilaaluu dandeessa.

Yoo guyyaan dhaloota mucaa keetii Amajjii 1 fi Ebla (April) 30 gidduu tahe waggaa mucaan kee mana barmootaa seenuu qabuu fi yoom akka kinder seenuu qabu adda baasatuu si barbaachisa. Mucaan keessan bara waggaa shan yookaan ja’a guututti mana barumsaa akka baratu filachuu dandeessu.

Sagantaa kinder barbaaduu

Sagantaa kinder mirkaneessame tajaajila kennamu barbaaduuf mar-sariitii sagantaan kinder irra barbaadamu (Sagantaa Kinder Barbaaduu - Damee Barmootaa fi Leenjii, Victoria - Find A Kinder Program – Department of Education and Training, Victoria (educationapps.vic.gov.au) jedhu ilaali). Gumiin (council) naannoo keetii fi tajaajilli oolmaa daaímmanii bakka oolmaa daaímmanii barbaaduu si gargaaruu dandaáu.

Kinder Tick barbaadi:

Kinder Tick maatii Victoria sagantaa daa’immanii mirkanaa’e ijoollee isaaniif akka argatan gargaara.

Asxaa Kinder Tick tajaajila oolmaa daa’immanii naannoo keessan jiru, gamoo yookaan mooraa tajaajilaa yookaan giddugalichaa yookaan lafarra, marsariitii isaanii irra yookaan meeshaalee odeeffannoo isaanii keessa barbaadaa.

Updated