Qajeelfama Maatiif
Waa'ee Mi'oota Kinder (Kinder Kit) kee
Ijoolleen kee xabachaa akka baratan taasisuun barmootaa fi guddina isaan kara hedduutiin gargaara. Warri, kununsitooti fi maatiin deemsa sana keessatti hedduu barbaachisoo dha.
Mi'ootni Kinder (Kinder Kit) kitaabota, waan ittiin xabataa irraa baratan fi wanneen hojjetaman kan mucaan kee fi maatiin manatti dhimma itti bahanii dha.
Mi'ootni Kinder ijoollee umriin isaanii waggaa-sadii tahaniif addatti kan qopheessame of keessaa qaba.
Barnoota Eegala Ijoollummaa Victoria fi Caasaa Tumsaa (Framework) Guddinaa
Barsiisotni Eegala ijoollummaa fi barsiisotni musaan kee barataa akka guddatu gargaaru.
Sagantaan oolmaa ijoollee (kindergarten program) barmootaa fi guddina ijoollee gaggeessuuf Qindoomina Eegala Barmootaa fi Guddinaa Victoria (Victorian Early Years Learning and Development Framework (VEYLDF) dhimma itti baha.
Wanneen Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessa jiran 1 isaa yookiin sanaa ol waliin akka VEYLDF keessa jirutti wal qabatoo dha.
- Eenyummaa
- Barnoota
- Hawaasa
- Waliin dubbannaa (Communication)
- Nagahooma (Wellbeing)
Boorsaa dugdaa (Backpack)
Qodaan Kinder (Kinder Kit) dugdatti baatamu waan guyyaa hunda baatamuu fi ittiin xabatamuun danda'amuu dha.
Mucaan kee boorsaan kan isaa tahuu beekuuf dugda boorsaa irratti mallattoo itti tolchata.
Qodaa dugdatti baatamu banii qabannoo Velcro jedhamu maxxansii ittiin xabadhuu miira sitti dhageessisu ilaali.
- Mucaa keetiif fannattoo boorsaa dugdaa gabaabaasi ykn dheeressiif, akkasitti dugda irratti baachuuf mijjataaf
- Waan haphee fakkaattun (felt stickers) seenaa tolchi
- Bakka maqaan barreessamutti akka fakkoo kaasu jajjabeessi
- Dandeettii jalqabbii barressuu shaakaluu
Dubbisuu
Dubbisuun akka maatiitti yeroo waliin qabaatuuf guddaa gargaara. Waa dubbisuu fi barreessuuf karaa hedduu barbaachisaa tahee dha.
Itti fufiinsaan oduu durii mucaa keetti himuun hubannaa sammuu fi jechoota guddifachuuf gargaara.
- Kitaaba waliin filadhaa
- Bakka banaa tahe taa'aa waliin dubbisaa
- Odicha keessatti maaltu itti aanee akka dhufuuf jiru mucaa kee gaafadhu
- Akka amala achi irra jiru fakkeessuuf sagalee yookiin qooqa kee jijjiirii dubbisi
Fakkoo kaasuu fi mallattoo tolchuu (mark making)
Fakkoo kaasuu fi mallattoo tolchuutiin ijoolleen sammuun isaanii waa uumee akka of ibsan gargaara. Waan ittiin barreessan (crayons) waraqaa irratti barreessuudhaan yaaluuf:
- akka itti barreessan sosoocha'insa qaama isaanii guddisuu irratti hedduu barbaachisa
- harkii fi iji isaanii wal faana akka deemu wayyeessa
- Waa'ee halluu (colour), roga (shapes), tarreessaa (pattern) fi sararaa (lines) baruu
- waan uuman ibsuu
- kaan waliin dubbachuu.
- Mucaan kee waan akka fakkootti kaasu akka jaallatu jajjabeessi
- Waan harkaan kaasaa jiran akka dubbataniif gaaffii isaan deebii itti kennan (open questions) gaafadhu
- Halluu (color) fi roga (shapes) argite maqaa yaamiif
Waan hojjetan uummachuu
Waa uumanii ittii xabachuun miirota 5 mucaa keetii hundaa kan - arguu, fuunfachuu (foolii), dhaggeeffachuu, qabachuu fi dhandhamuu (taste) akka itti dhagahamu gargaara. Waa'ee addunyaa naannoo kee jiru akkaataa itti abuurtu (explore), beektuu fi bartu bifa xabiisaatiin si barsiisa.
- Mucaan kee yoo irra deddeebi'es obsaan caqasaa akka jirtu itti agarsiis. Yoo waan ijaaraa jirtan diigame afuura baafadhuu deebisaa waliin ijaaraa.
- Bukoo ittiin xabatamu (playdough) qodaa golboo keessa kaa'ee akka roga tolchu (shapes), dirriisu (flatten), laaffisu (squish) yaali.
- Waliin muuziqaa xabachuu. Sagaleen jechuun fi harka walitti rukutuun ykn waan mana kee keessa jiru rukutuun waliin xabadhu.
Xabiisa alaa
Xabiisi alatti bakka eegumsaan jirutti xabatamu guddina, jabinaa fi naghooma mucaa keetiif gahee guddaa qaba.
Ijoolleen:
- waan umamaa ilaalchisii hubannaa saayinsii isaanii guddisiif
- yaada of danda'uu qabaachuu danda'u
- ijoollota kaan waliin walitti siqeenya gamtoomaa qabaachuu danda'u
- yeroo xabatan waan gaarii akka filatan hubachuu fi baruu danda'u
- sochii qaama isaanii, harkii fi iji isaanii wal faana ajajamuufi akkasumas dandeettiin sammuu isaanii waa uumuu guddifachuu danda'u.
- Waa'ee baalaa fi maqaa halluu fi roga adda addaa dubbatu.
- Waliin biqiltuu dhaabuu.
- Umama waliin wal barsiisuu. Waa'ee umama naannoo keenyaaf ittisa godhachuu dubbachuu.
- Cirricha tuuluu.
Xabiisa bifa draamaa
Xabiisni bifa diraamaa akka ijoolleen sammuu isaanii keessaa waa uumanii dubbatanii fi wanneen adda addaa bakka bu'umanii hojjetan jajjabeessa.
Ijoollotni yeroo xabiisa bifa diraamaa tahe keessatti hirmaatan afaan fi dandeettii gamtoomaa guddifachuu danda'u, kunis:
- jechoota haaraa uumuu fi baruu
- kaaniif qooduu fi dubbachuu keessatti darabee eeggachuu
- akkaataa itti walitti dubbatanii fi kaan waliin waliif galan.
- Maqaa bineensotaa Afaan Ingiliffaa fi afaanota birootiin moggaasi.
- Arfiilee uumi.
- Seenaa tolfadhu.
- Akka adda addaatti waan itti dhagahamu ibsuu fi hubachuuf beeyilada gargaaramuu.
Xabiisa (games)
Xabiisa dorgommii (games) maatii fi hiriyoota (saayibota) waliin xabachuun dandeettii gamtoomaa (social skills) mucaa keetii guddisuuf gahuu guddaa qaba.
Xabiisi dorgommii (games) akka ijoolleen lakkoofsa, afaan fi rakkoo furuu baratan gargaara.
- Seera xabiisa dorgommii fi darabee eeggachuu baruu.
- Dandeettii rakkoo furuu fi qalbifachuu.
- Waa'ee lakofsaa dubbachuu fi mi'oota lakaayuu shaakaluu.
Hawaasa ijaaruu
Xabiisi akka ijoolleen waa'ee ofii isaanii fi wanneen naannoo isaanii jiru hubatan fi baran gargaara. Ijoolleef xabiisaa fi barnootni wal cinaa adeemu. Mi'ooti Kinder (Kinder Kit) keessa jiran akka ati waa'ee adda addummaa fi gara garummaa aadaa dubbattu si gargaara.
- Mucaa keetti waa'ee biyyoota kan biroo fi beeyilada aadaa isaanii itti dubbadhu
- Afaan adda addaa eessa irraa akka maddan ilaaluuf kaartaa (map) ilaali.
Eenyummaa kabajuu
Ijoollee waa'ee aadaa hundaa akka baratan jajjabeessuun hubannaa, fudhatamaa fi kabajaa isaanii guddisaaf. Aadaa Aborijinaa fi Torres Strait Islander, fi addana Victoria keessattis aadaa Koorie har'as ni jira; guddachaas jira. Akka barreessitootaa fi suuressitootaatti mi'oota (Kit) kanatti kanneen qabaachuun keenya nu boonsa.
Waa'ee durummaa (traditions) fi aadaa Koorie mucaan kee akka baratu waan gargaaru waan takka takka kunoo ti:
- Mallattoolee Koorie meeshaalee ykn bineensotaaf baradhu
- Waa'ee aadaa, hangafootaa fi gootota Koorie baruu fi dubbachuu
- Barbaachisummaa Biyyaaf Beekamtii kennuu beekuu
Kitaabota kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenyee (Books in Auslan)
Mallattoon kanneen dhagahu-didoo (gurri dhagahuu hin dandeenye) (Auslan) sagantaa Afaan Eegala Ijoollummaa (Early Childhood language) Victoria keessatti dhimma bahama. Sagantaan kun bakka Oolmaa Ijoollee takka takka keessas ni jira.
Ijoollotni umrii ijoollummaa isaaniitiin afaan kan biraa barachuun fayidaa hedduu qabaaf, kunis:
- dursanii-dubbisuu fi dursanii-barreessuu baruu isaan gargaara
- waa jijjiiranii yaaduu wayyeeffachuu
- kabajaa ofii (self-esteem) fi nagahooma eeggachuu
- eenyummaa aadaa isaanii jabeessa.
Kitaabotni hedduu kan bara 2026 Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessatti dabalaman hiikaa warreen gurri hin dhageenyee (Auslan) ni qabu.
- Afaan warreen gurri hin dhageenyeen (Auslan) miira ofii ibsachuu
- Afaan warreen gurri hin dhageenyeen (Auslan) akkam jedhi
Nageenya ijoollee, nagahoomaa fi gargaarsa dabalaa
Nageenyaa fi nagahooma ijoollee waan caalu hin jiru. Tajaajilli kee akkamiin nageenya ijoollee eegaa akka jiru gaafadhu.
Ijoolleen hundi akka adda addaattii fi yeroo isaanii toletti baratu. Yaada yoo qabaatte barsiisaa eegala ijoollummaa (early childhood) keetti dubbadhu.Yoo ati ykn mucaan kee gargaarsa barbaaddan akka itti aanu kanatti argachuun ni danda'ama:
- Gaaffii qabdu waliin mariyatuuf doktora fayyaa ykn neersii fayyaa haadaa fi mucaa waliin baallama qabadhu.
- Maatii Viktoriyanotaa kan ijoolleen isaanii umriin reefuu dhalattu irraa qabee hanga waggaa 6 gidduu jiran toora bilbilaa kan sa'aa 24, guyyoota 7 guutuu hojjetu Toora Fayyaa Haadholii fi Daa'immanii (Maternal and Child Health) 13 22 29 irratti bilbilii.
Dalagaa barnoota Eegala Ijoollummaa keessa
Bakka oolmaa ijoollee Victoria babal'ataa jiru keessa dalaguuf yaaduu eegaluu. Barsiisaa ykn leenjisaa bakka eegala ijoollummaa tahuuf gargaarsa siif godhamu, wanneen jiran:
- yeroo siif mijjatutti barachuu
- gargaarsa hedduu gahaas tahe argachuu dandeessa
- deggersa maallaqaa.
Mi'oota Kinder (Kinder Kit) keessan arjoomuu
Yeroo mucaan kee Mi'a Kinder (Kinder Kit) xumuru bifa eegumsaa qabuun bakka gatamuu qabutti geessi.
Yoo qodichi gaarii tahe warreen rakkataa gargaaran (charity) dhaaf kenni. 'Kana hiriyyaa yookiin saahiba kiyyaaf nan kennaa?' jedhii of gaafadhu. Yoo deebiin kee eyyee kan jedhu tahe warreen gargaarsaa (charity) arjoomuun kee gaarii dha.
Yoo qodichi arjoomuuf kan hin taane tahe bakka deebisanii haaressan (recycle) keessa buusi.
Waan gatamu hiri'isuu fi sirnaan bakka isaatti gatuun Victoria qulqulleessuu, magariisuuf gargaara.
Updated
