Victoria government logo

Waa'ee Qabiyyee (Kit) Kinder Keessanii

Ijoolleef xabiisaa fi barnootni wal cinaa adeemu. Xabiisi akka itti ijoolleen waa'ee ofii isaanii fi waan naannoo isaanii jiru baranifi itti abuuranidha. Warrii fi maatiin isaanii deemsa kana keessatti gahee guddaa qabu. Waan hundi Qabiyyee Kinder (Kinder Kit) mucaa keessanii keessa jiru kan akka maatiitti waliin qooddatttanii fi gargaaramtaniif tolchamee dha.

Bakka Oolmaa Ijoollee, kan Hujeeffannoo Eegala Barmootaa fi Guddinaa Viiktooriyaa (Victorian Early Years Learning and Development Framework (VEYLDF)) wanneen shan kan barmootaa fi guddina isaaniif tahu irratti mucaa keessanii gargaaruuf qopheessame. Wanneen shanan kunneen:

  • Eenyummaa
  • Hawaasa
  • Nagahooma (Wellbeing)
  • Barmoota
  • Waliin dubbannaa (Communication)

Oduu durii waan irraa dubbisamu (Storytelling Cubes)

Oduu durii himuufiin jireenya isaanii guyyuu keessatti ijoolleef hedduu barbaachisa. Waa irraa baratuu fi namoota naannoo isaanii jiran waliin wal dubbatuuf isaani gargaara.

Waan irraa dubbisamu kan afaan English ykn afaanota kan biroo gargaaramtee mucaan kee jechoota haaraya akka baratu gargaaruu dandeessa.

  • Darabeedhaan fakkoo (pictures) maqaa yaami
  • Isaan waliin ijaari
  • Oduu itti himi
  • Gaaffii gaafadhu

Dibaa (Crayons) fi waan irratti dibamu (Art Pad)

Dibaadhaan waa dibuun kara adda addaa baay'ee akka baratan gargaara:

  • akka itti qubeessaa qabatan aruu
  • ilaaluu fi godhachuu
  • halluu fi bifa adda baasanii baruu
  • waraqaa fi wanneen biroo irratti waa uumanii agarsiisuu.

Caalaatti barbaachisaan, ijoolleen kee nagahooma fi if irratti amantiidhaan of ibsuu baratan. Ijoolleen takka takka waan sitti hin beekamnee ykn hiika siif hin qabne dibanii sitti agarsiisuu malu, sunis ni taha. Kun akkaatuma itti baratanii dha.

  • Yaada kee yaaluuf Waan irratti dibamu (Art Pad) dhimma bahi
  • Fakkoo harkaan sararuu (drawing) maatii jajjabeessi
  • Osooma dubbataa jirtuu fakkoo kaasi ykn dibi
  • Halluu (colour) fi danaa (shapes) maqaa yaami

Sanyii (Seeds)

Ijoollee waliin sanyii mukaa dhaabuun, waa baratuu isaanii duroomsa, muuxannoo saayinsii irratti hundaawe hubatuu isaanii guddisaaf kun ammoo uumama naannoo isaanii akka raajefatan isaan gargaara. Waa'ee umamaa baratu, afaan isaanii guddisatu, qajeelfama saphlaadhaan akka waa baratan isaan gargaara. Yeroo keessas akka itti waa hubatan baratu.

  • Waa'ee biqiltuu itti dubbadhaatii damee isaanii itti himaa
  • Waliin biqiltuu dhaabaa
  • Ganama yeroo hundumaa guddina isaa waliin ilaalaa
  • Fuduraa (fruit) fi kuduraa (veg) gabaa keessatti agartan maqaa isaanii itti himi

Rifeensa Beeyiladaa Bareechuu (Threading Animals)

Umriin ijoollummaa gara jalqabaa yeroo itti ijoolleen harka, quba, barruu harkaa, miilaa fi quba miilaatiin waan to'atanii sirnaan dhimma itti bahuu danda'anii dha. Sammuun isaanii harkaa fi quba isaanii ajajuu danda'uun kunuunsa ofiif kennuu fi booda akka itti barreessaan baratuu guddisatuuf isaan gargaara. Mucaan kee dhoqqeessuu (playdough), dibaa (crayons) ykn beeyilada bareechuudhaan beekumsi sammuu (motor skills) isaanii guddatuu danda'a. Beekumsa sammuu (motor skills) akka itti gudisatan karaa takka takka:

  • Beeyilada kan ittiin hidhan uraa isaa keessa baasuu
  • Qabiyyee Kinder (Kinder Kit) banuu fi cufuu
  • Cuftuu (zips) qulfii huccuu (buttons) cufuu baruu
  • Dhoqeessa (playdough) harkaa fi qubaan dhoqqeessuu

Dhoqqeessuu (Playdough)

Yeroo mucaan kee waa dhoqqeessuudhaan waa uumu, waan barbaachisaa hedduu adda addaa uumu:

  • beekumsa qalbii wayyeessuu
  • waa keessa baruuf qalbii isaaniitti dhimma bahu
  • abjootee (imagination) isaanii gargaaramuu.

Dhoqqeessanii waa uumuun mucaan kee waa baratuuf barbaachisaa dha.

  • Kubbaa naannessi, dhiiti, ol fuudhi, walitti cafaqi
  • Waa'ee isaa dubbadhu
  • Waan kan biroo kan akka filee (sticks) ykn baallee (feathers) ykn qolaa (shells) itti dabali
  • Waan argitu tarree galchi

Kitaabilee Ijoollee

Kitaaba waliin dubbisuun maatii walitti fiduu fi yeroo waliin dabarsuuf guddaa gargaara. waa dubbisuu fi barreessuuf karaa hedduu barbaachisaa tahee dha. Yeroo oduu durii itti himan qabaatuun waa yaadaan uumuu fi dubbannaa afaanii guddisatuuf gargaara.

  • Kitaaba waliin filadhaa
  • Bakka mijjataa fi waca hin qabne taa'aa waliin dubbisaa
  • Fuula kitaabaaisaan haa garagalchan
  • Fakkoo (picture) kitaabicha keessaaf sagalee (qooqa) gara garaa taatoof (characters), akkaataa dubbannaaf (talk) gargaarami.

Muuziqaa sirbuu

Muuziqaan waa baratuu fi guddina isaaniitiif faayidaa baay'ee qabaaf. Muuziqaa sirbuun ijoolleen xabiisa keessa akka jechoota haaraya baran, maatii waliin wal tahanii faaruu akka itti faarsan fi ofii isaaniitti akka gammadan isaan gargaara. Sirbuun, faarsuun, socho'uun, lafa dhiituu fi gara gaggaluun hidhuun hundi qaama xibiisichaa ti.

Mucaa kee waliin muuziqaa takka takka gammaduuf yaadni hangi tokko kunoo akkasi:

  • Faaruu jaallattu faana sirbii shubbisi
  • Lakoysa barsiisuuf callee lakkaayi
  • Gabaabsii shaakali qooqa faaruu
  • Jechootaan waa lakaayuuf sagalee qubee (syllables) lakkaayi

Qodaa Qabiyyee Waa Hojjetamuu (Kit Activity Case)

Qodaan qabiyyee waan hojjetamuu (Kit activity case) qodaa kitaabaa fi waan ittiin xabatan itti baatan qofa miti - kara hedduu adda addaa baratuu fi guddinaaf kan gargaara. Gabatee adiin (Whiteboard) hadaara isaatti waa maxxansuu, dhoqqeessa (playdough) itti dibuu fi irratt harkaan sararuuf guddaa gargaara. Qabiyyee (Kit) waraqaatti mari. Qabiyyee (Kit) diriirsii waan magariisni achi irra jiru akka isaan ilaalanii ittiin xabatan isaan gargaara. bifa garaa malkaa bishaanii ykn bifa daandii magaalaa keessaa qabaatuu danda'a. Akka itti gara Kinder deemtee geessu irra-deebi'ii uumi. Qodaa qabiyyee (Kit case) karaan itti dhimma baatu takka takkas kunoo ti:

  • Addunyaa haaraya sarari
  • Afata irratt xabatamukan dhoqqeessaa
  • Qodaa kitaabota ykn intalasheeitti baatamu
  • Akka akkeessuutti xabatuuf yaaluu

Qodaan Qabiyyee waa ittiin hojjetamuu kan naannoo waliin wal fudhatuu fi miidhaa itti hin findee dha. Mi'a dadabarsamu (recycled) irraa kan tolchame, hanga danda'ametti yaadannoon mucaa kee kan bakka oolmaa ijoollee keessatti kuusamu akka qabatuuf taasiamee kan hojjetamee dha.

Hawaasa Ijaaruu

Victorian hawaasni adda addaa kan keessa jiraatan, qe'ee aadaa hedduu fi afaan gara garaa dubbatanii dha. Adda addummaan keenya eenyu akka taane kan nu tolchee dha. Wanneen garagaraa Qabiyyee keessa wanneen jiran waa'ee hawaasota gara garaa ibsanii dha.

  • Ijoolleef xabiisaa fi barnootni wal cinaa adeemu. Xabiisni akka itti ijoolleen of ilaalanii fi waa'ee ofii isaanii baranii dha.
  • Dhoqqeessa aadaa warreen kaanii irraa ykn kan kee irraa tolchitu fakkeessii hojjadhu
  • Yeroo aadaa kan biroo, ykn kan ofii kee dhaggeeffattu, durii dhaggeeffattu bakka jechootaa tuqi
  • Mucaa keetti waa'ee biyyoota kan biroo fi beeyilada aadaa isaanii itti dubbadhu

Kitaabota kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenyee (Books in Auslan)

Kitaabotni Qabiyyee Kinder kan 2023 hundi kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenye (Auslan) akka gargaarutti jijjiiramee jira. Kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenyeefis (Auslan) waraabbiin isaa vidiyoo kana keessatti dabalamee jira.

Kanneen gurraan dhagahuu hin dandeenye (Auslan) Austiraaliyaanota gurri isaanii duudeef mallattoo afaan dubbannee tahee kan tolchame Sagantaa Afaanii Eegala Ijoollummaa kan Olmaa Ijoollee Waggaa-Afurii takka takka keessa galee jira.

Beektotni barmootaa ijoollotni ijoollummaatti afaanota kan biroo baruun faayidaa akka qabuuf hubatanii jiran. Kunis:

  • dursanii-dubbisuu fi dursanii-barreessuu baruu isaan gargaara
  • sammuu isaanii guddisa
  • ofitti boonuu fi nagahooma isaanii ol kaasa
  • eenyummaa aadaa isaanii jabeessa.

Eenyummaa Kabajuu

Aadaan namootaSaboota Jalqabaa (First Nations) keenya qaama barbaachisaa seenaa Australia ti. Ijoollee hundi waa'ee aadaa hundaa akka hubatan, fudhatanii ittiin boonan jajjabeessaa. Saboota Jalqabaa keenya kan barreessanii fi Qabiyyee kana qopheessan ittiin boonna. Oduu durii, fakkeenyaaf, diddibaa (depict) akka itti Aborjiin oduu durii isaanii ittiin himanii dha. Akki itti mucaan kee waa'ee akka jireenyaa durii fi aadaa Saboota Jalqabaa bartuu danda'u akka itti aanu kanatti:

  • Mallattoo Aboriginal beeyiladaaf ykn meeshaaf qaban baruudhaan
  • Waa'ee gaggeessitoota ykn beektota isportii Aboriginal itti dubbatuudhaan
  • Waa'ee aadaa fi ummata Saboota Jalqabaa caalaatti baruudhaan

Nagahoomaa fi Gargaarsa Dabalaa

Ijoolleen hundi akka adda addaattii fi yeroo isaanii toletti baratu. Qabiyyeen Kidner (Kinder Kit) kitaabotaa fi waan ittiin xabatan kan akka adda addaatti isaan yaalchisu dandeettii isaaniis qoru of keessaa qaba. Garuu yeroo takka takka barmoota mucaa keetii irratti gargaarsa dabalaa godhuu qabda. Yoo ati ykn mucaan kee gargaarsa dabalaa takka takka tarii ni barbaachisa jedhtee yaadde, akka adda addaatti gargaaruu dandeessa:

  • Barsiisotni oolmaa ijoollee Victoria ogummaa fi beekumsa ittiin gargaaran ni qaban. Gaaffii qabdu barsiisaa gaafadhu
  • Gaaffii qabdu waliin mariyatuuf doktora fayyaa ykn neersii fayyaa haadaa fi mucaa waliin baallama qabadhu
  • Toroa Warraa (Parentline) 13 2289 irratti tola, kan hiccitiin isaa eegame gorsa qalbii fi gargaarsaaf bilbili

Reviewed 21 February 2023

Was this page helpful?