Bakka Oolmaa-Ijoollee Umrii wagga-Sadii (Three-Year-Old Kindergarten) kan waggoota kudhan dhufan keessa maallaqa gara biliyoona $5 taheen Mootummaan Victoria ijaaruuf jiru yeroo ammaa guutummaa godinaa keessatti hundeessamuuf jira.
Kana jechuun, ijoollota Victoria bara kan barmootaa, guddinaa, xabiisaa fi hiriyoota horatan taha jechuu dha.
Sagantaa bakka oolmaa ijoollee gaarii tahe keesstti qooda fudhatuu jechuun barmoota, guddina, fayyaa fi nagawooma (wellbeing) ioollee kan ol dabaluufii dha.
Ijoollotni ol guddataa jiran waa’ee addunyaa naannoo isaanii jiru xabiisaan wal makanii baratu.
Xabiisaan wal makanii barsiisuun akka ijoolleen akka gaarii baratan gargaara. Akka ijoolleen yaadaan waa uuman, dandeettii dubbannaa afaanii guddisatan fi lakoysa fi tartiiba akka baratan gargaara. Ijoollota kaan waliin akka itti wal fudhatan, waliin hirmaatan, wal dhaggeeffatan fi aarii yookaan amala ofii to’atan baratu.
Ijoollotni Victoria maallaqni kan itti baasame bakka oolmaa ijoollee wagga lamaa argatuu danda’an.
Bara 2022 irraa eegalee ijoollotni guutummaa naannoo keessatti sagantaa bakka oolmaa ijoollee maallaqni itti kaffalame torbanitti yoo xiqqaate sa’aa shan argatuu danda’u. Hanga bara 2029 sa’aan kun torbanitti gara 15 ol guddatuufii danda’a.
Ijoollotni kee eessa illee haa seenanii barsiisotaa fi leenjistoota ogummaa qaban bakka hundaa argatuu dand’an.
Ijoollotni bakka sagantaa oolmaa ijoollee kan guyyaa guutuu tajaajila (oolmaa daa’immanii) yookaan kan guyyoota muraasa deeman hordofuu danda’an.
Ijoolleen waa’ee addunyaa xabiisa keessaan baratu.
Ijoollota kaan waliin akka itti wal fudhatan, waliin hirmaatan, wal dhaggeeffatan fi aarii yookaan amala ofii to’atan baratu.
Sagantaa oolmaa ijoollee keessatti, dandeettii afaan isaanii guddisatuuf fi waa’ee lakoysa fi tartiibaa baratuuf ijoollotni xabiisa keessaan baratan.
Barsiistonii fi qayyabachiisonni akka ijoolleen barmoota ofii irratti fedhii guddaa qabaatan, waa uuman fi amantii of irratti qabaatan gargaaru
-
- Oolmaa Ijoollee guyyota muraasa dhaqamu
- Sagantaa Bakka Oolmaa Ijoollee - Ijoollotni sagantaa bakka Oolmaa Ijoollee guyyoota murtaawoo fi sa’aa murtaawe hordofu
- Kunuunsa Guyyaa Guutuu
- Sagantaa Bakka Oolmaa Ijoollee - Ijoollotni bakka sagantaa oolmaa ijoollee kana guyyaa guutuu hordofan
- Barmootaa fi kunuunsa - Tajaajilli kunuunsa guyyaa guutuu eegala barmoota ijoollummaa fi ijoollota umriin isaanii wagga 0 fi 6 gidduu tahan barmootaa fi kunuunsa kan kennuu dha.
Sagantaan oolmaa ijoollee maallaqa Kanaan ijaaraman hundi qajeelfama mootuummaa kan nageenyaa fi barmoota gaarii tahe kennan, guddina ijoolleef mishan kan toora Gaggeessama (Framework) Eegala Barmootaa fi Guddinaa Ijoollee Victoria waliin kan wal fudhatuu dha .
Bakka oolmaa daa’immaniitti barmootnii fi kunuunsi guyyaa guutuu sagantaa bakka oolmaa ijoollee (kindergarten) dabalee ni kennama. Sagantaan barsiistoni gaggeessan kun sa’aa dabalaa kan barmootaa fi kunuunsaas of keessaa qaba. Sagantaan oolmaa ijoollee kan guyyooota muraasaa guyyoota murtaawoo fi sa’aa murtaaweef kennama. Guyyootni fi sa’aan kun kanneen bakka oolmaa ijoollee gaggeessaniin qopheessama.
Mucaa kee eessatti akka ergitu taroo tajaajila hawaasa naannoo keessatti argamuu fi maatii fi mucaa keetiif maaltu akka mishu irratti hundaawa
- Oolmaa Ijoollee guyyota muraasa dhaqamu
-
Tajaajila bakka oolmaa ijoollee naannoo kee jiru akka itti galmeessituu fi yeroo itti galmeessitu baruuf itti dhaqii gaafadhu, hojjetoota bakka sanii waliinis dubbadhu. Bakka oolmaa ijoollee naannoo keetii barbaaduu fi kanneen tajaajila sirrii maatii keetiif kennan filatuuf, laali: How to choose a kindergarten
Bakka oolmaa ijoollee (kindergarten) barmoota gaarii kennan filatuun akka ijoolleen yeroo bakka oolmaa ijoollee jiran barmoota gaha argatan gargaara. Bakka akkasii wal madaaltee baruuf as laali:
-
Kanneen tajaajila barmootaa kennan irra hedduun isaanii waggaa tokko dursanii galmeessuu waan eegalaniif yeroo mucaan kee umriin waggaa lama tahu eessatti galmeessuu akka qabdu itti yaaduu si barbaachisa.
Maatiin ijoolleen isaanii baatii Amajjii (January) fi Ebla (April) gidduu dhalatan ijoolleen isaanii yoom akka Bakka Oolmaa Ijoollee-Umrii wagga-Sadii akka eegalan filatuu danda’u. Maatiin yeroo ijoolleen isaanii wagga lama tahan wagga itti aanutti mana barmootaa bakka oolmaa kana eegaluuf kan umriin hayyamuuf yoo tahe eegalsiisuu filatuu danda’u.
Ijoollotni Amajjii (January) 1 fi Ebla (April) 30 gidduutti dhalatan yeroo waggaan dhaloota isaanii sadii tahu yookaan wagga itti aanu yeroo umriin isaanii afur tahu Bakka Oolmaa Ijoollee-Umrii wagga-Sadii eegaluu danda’u.
Ijoollotni umriin dhaloota isaanii sadii hin guutin bakka hir’inni barsiisotaa jirutti yeroo umrii wagga lama keessa jiran sagantaa barmootaa kanatti galmeessamuu hin danda’an.
Ijoollotni Caamsaa (May) 1 fi Mudde (December) 31 gidduutti dhalatan kan isaan Bakka Oolmaa Ijoollee-Umrii wagaa-Sadii kanaaf gahoo tahan wagga itti aanu yeroo umriin isaanii afur guutuu fi kan Bakka Oolmaa Ijoollee-Umriin wagga-Afuriif gahoo kan tahan ammo wagga itti aanu yeroo shan guutanii dha.
-
Guyyaa dhaloota mucaa Yaadawwan 2020 2021 2022 2023 2024 21 Mudde (Dec) 2016 - 30 Ebla (April) 2017
Maatii ijoolleen isaanii akka mana barmootaa bara 2022 yookaan 2023 keessa akka eegalani filmaata qaban Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep) Kutaa 1 Kutaa 2 Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep) Kutaa 1 1 Caamsaa (May) - 20 Mudde (Dec) 2017* Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep) Kutaa 1 21 Mudde (Dec) 2017 - 30 Ebla (April) 2018 Maatii ijoolleen isaanii akka mana barmootaa bara 2023 yookaan 2024 keessa akka eegalani filmaata qaban Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep) Kutaa 1 Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3n
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep)
1 Caamsaa (May) - 20 Mudde (Dec) 2018* Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-3
Oolmaa ijoollee-Umrii wagga-4
Eegala mana barmootaa (Prep) * Guyyaani baatii Mudde (December) keessa mana barmootaa mootummaatti Yeroo Mana Barmootaa 4 (Term 4) kan dhumaa dha. Yoo maatiin guyyoota kanneen keessa akka xumura Banama Guyyoota Mana Barmootaa 4 (Term 4) filatuu barbaade ni danda’ama.
-
- Kanneen naannoo keetii bakka oolmaa ijoollee keetiif kennan (kindergarten), kanneen guyyaa guutuu kunuunsan dabalee
- Neersota dahumsaa fi mucaa kan naannoo kee jiran
- Your maternal and child care nurse
- Damee Fayyaa (Department of Health - DH) itti bilbiluudhaan Toora gargaarsa bilbilaa warraa (Parentline) 13 22 89
- Email 3yo.kindergarten@education.vic.gov.au
Reviewed 07 February 2022