Free Kinder sagantaa kinder ykn pre-prep waggaa sadii fi afuriin tajaajila hirmaatan guutuu Victoria keessatti agama. Kun kunuunsa guyyaa guutuu (long day care) fi kan dabaree dabree (akkasumas kan yeroo takka takkaa jedhamu) tajaajila kinder dabalata.
Maatiidhaaf qusannaa dha
Maatiin ijoollee qaban mana barumsaa daa'immanii sessional hirmaatan keesatti galmaa'an sagantaa bilisaa argatu.
Maatiin ijoollee qaban kunuunsa guyyaa dheeraa hirmaataa ta'e keessatti galmaa'an bakka bu'iinsa kaffaltii waggaa argatu.
Kinder tolaa seerri hayyamu
Kinder tola hundaaf keenama.
Maatiin argatuuf Kaardii Kunuunsa Fayyaa (Health Care Card) ykn Kaardii Sooramaa (Pension Card) lammummaa Australia (Australian citizenship) ykn teessoo eenyummaa ibsu qabaatuu hin barbaachisu. Kinder Tolaa argatuuf Gargaarsa Kunuusa Ijoollee Mootummaa Australia (Australian Government Child Care Subsidy CCS) qabaatuu si hin barbaachisu.
Yeroo takkatti tajaajila kinder bakka takkaa qofa Kinder Tolaa argatuu dandeessa. Tajaajilli kinder xalayaa irratti akka mallatteessituu si gaafatuu, eessaa Kinder Tolaa akka argattu maqaa sitti himuu dandaán. Yoo mucaan kee tajaajila kinder bakka takka caalaa deema tahe Kinder Tolaa bakka kam akka barbaaddu warreen tajaajila kennaa jiranitti himuu qabda.
Maallaqa Kinder Tolaa akkamiin akka argamu
Tajaajilli Kinder maallaqa Mootummaa Victoria irraa kallattiin argatuun Kinder Tolaa kenna. Kana jechuun maatiin maallaqni akka deebisamuuf gaafatuu hin qaban, bakka isaa gatiin irraa hir'iseefii jira. Sagantaa kinder kan dabaree dabree tola.
Maatiiwwan sagantaa kunuunsa guyyaa oolmaa daa’immanii fayyadaman qusannoolee Oolmaa daa’immani bilisaa irraa argamu marsaa kaffaltii hundi ‘Victorian Government Free Kinder offset’ invoice irratti ifatti barreeffamee arguu ni danda’u.
Maallaqni hir''isamu kan ati kiisha kee keessaa baasuun si irra ture akkamiin akka bakka buusamu
Maallaqni Kinder Tola hirísamu maallaqa ati baastu kan waggaa guutuu (fakkeenyaa torban ykn torban lama) irra hirama. Nagahee kee irratti 'Kinder Tolaa Mootummaa Victoria Gatii hirísame' (‘Victorian Government Free Kinder offset') kan jedhee ibsamu arguu dandaúu qabda.
Maallaqni akkamiin akka si irraa hirísuu fi kunis akkamiin na-gahee (invoice) kee irratti akka mulátu odeeffannoo argatuuf tajaajila kinder kee kallattiin itti dubbatuu dandeessa. Yoo mucaan kee torbanitti saáa 15 caalaa hordofti tahe gati-hirísi kun hunda isaa si irraa baasuu hin dandaú.
Yoo Gargaarsa Kunuunsa Daaímmanii Commonwealth (Commonwealth Childcare Subsid) argatuuf seerri siif hayyama tahe jalqaba irratti sitti himama. Kana jechuun erga hangi maallaqaa kan CCS fi kan Kinder Tolaa hirísameen booda kan hafe qofa maallaqa si baasisa jechuu dha.
Fakkeenyaaf:
- Mucaan Waggaa-4 torbanitti guyyaa 3 kunuunsa guyyaa guutaa deemti.
- Tajaajilli kun torbanitti guyyoota 3f (sa'aatii kinder fi sa'aatii kunuunsa dabalataa dabalatee) $360 kaffala.
- Maatiin torbanitti CCS $252 argatu.
- Bara 2025 keessa, tajaajilli kun torban 40 keessatti Free Kinder madaaluun $2,101 ($52.53 torbanitti) hojiirra oolcha.
- maatiin kun CCS fi Free kinder madaalamaa booda torbanitti $55.478 kaffala.
Hubadhu. Kun fakkeenya qofa yoo ta'u baasii haala dhuunfaa maallaqa madaalamaa bilisaa waggaa waggaadhaan kennamu irratti hundaa'uun garaagarumaa qabaata.
Updated